Raashiyaan Ameerikaatti aantee biyya baayinna namoota COVID-19 irratti argameen lammaffaa taate

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Raashiyaan Ameerikaatti aantee biyya baayinna namoota COVID-19 irratti argameen lammaffaa taate.

Kiibxata har’aa, sa’aatii 24 keessatti qorannoo gaggeeffameen namoota haaraa 10,899 irratti vaayrasi koroonaa argameera.

Hanga ammaatti lakkoofsi waliigalaa namoota Raashiyaatti qabamanii 232,000 qaqqabeera.

Magaalaan guddoo Raashiyaa, Mooskoon, bakka weerarri COVID-19 itti hammaate yoo taatu magaalattii keessatti sa’aatii 24 darbanitti qofa namoota 5,000 irratti dhibeen kun argameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment