Raashiyaa fi Yuukreen hidhamtoota lakkoofsaan hedduu ta’an wal jijjiiran

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreen hidhamtoota lakkoofsaan hedduu ta’an wal jijjiiruu isaanii beeksiisan.

Raashiyaan Loltoota dubartootaa Yuukreen 108 yoo gadi lakkiftu,Yuukreen ammoo lammiilee Raashiyaa 110 gadi lakkisuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa ibseera.

Waljijjiirraa kanaan booji’amtoonni 72 Raashiyaa Baatii Gurraandhalaa eegalee Yuukreenitti hidhamanii turan gara biyya isaaniitti deebi’uu ibsameera.

Gama biroon Loltoonni Yuukreen kutaalee garaagaraatti to’annoo Raashiyaa jala turan 30 fi booji’amtoonni biroo gara Yuukreen deebi’uu ibsamera.

Biyyoonni lamaan erga walwaraanuu eegalanii yeroo garaagaraatti hidhamtoota waljijjiiruu isaanii RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment