Raashiyaa fi Yuukireen hidhamtoota 200 ol waljijjiiran

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Raashiyaa fi Yuukireen hidhamtootaa 200 ol waljijjiiraniiru.

Biyyoota lameen gidduutti waraanni erga eegalee bara faranjootaa Guraandhala 2022 as biyyoonni lameen gidduutti waljijjiirraan hidhamtootaa taasifame kun isa olaanaadha jedhameera.

Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hidhamtoota loltootaa fi lammiilee nagaa booji’aman 200 deebi’aniiru.

Biyyoonni lameen walitti bu’iinsa keessatti hidhamtoota waljijjiiraa turuun kan ibsame yoo ta’u, kan ammaa baay’inaan isa olaanoo ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Yuukireen Andiree Ermaak, turtii yeroo dheeraa booda waljijjiirraa hidhamtootaa isa rakkisaa jechuun ibsanii, lammiilee Yuukireen hidhaarra jiran gadi lakkisiisuuf tattaaffiin taasifamu kan itti fufu ta’uu waadaa galaniiru.

Akkasumas, tajaajila kennitoota Raashiyaa Yuukireenitti to’annoo jala turan 248 deebifamuun ibsamuu CNN gabaaseera.

Biyyoonni lameen hidhamtoota akka waljijjiiraniif Gamtaan Emereetota Arabaa haala mijeessuun eerameera.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Gamtaa Emereetota Arabaa baasee, lakkoofsa hidhamtoota gadi lakkifamanii ifaatti beeksisuu baatus, adeemsa jaarsummaa keessatti mootummoonni biyyoota lameenii qajeelummaa argisiisaan dinqisiifateera.

Adeemsa jaarsummaa kana keessatti Gamtaan Emereetota Arabaa walitti bu’iinsi biyyoota lameenii furmaata waaraa akka argatuuf kutannoo qabaachuu kan argisiiseedha jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment