Raashiyaa fi Iraan nageenya naannawichaarratti tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Iraan Ibraahiim Raayisii Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin Teeraahaanitti mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen tumsa isaanii cimsuun nageenya naannawaa mirkaneessuuf waliigalaniiru.
Shororkeessummaa waraanuun injifannoo waloon galmaa’ee kan leellisan Pireezidaanti Raayisii fi Putiin tumsa naannawichaa cimsuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Tumsi akka kanaa Shororkeessummaa Sooriyaa keessa jiru waloon waraanuun naannichatti nagaa waaraa buusuuf haala kan mijeessu ta’uu kaasaniiru.
Hariiroon Idil Addunyaa Iraanii fi Raashiyaa cimaa jiraachuu Pireezidaanti Putiin himaniiru.
Rakkoo Sooriyaa keessa jiru furuuf qindoominni qaamolee lamaanii qooda olaanaa qabaachuu Shiinwaan gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment