Raashiyaa fi Iraan dhimmoota waloo fi Idil Addunyaarratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Barreessaan Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa Sargeey Shooyiguun dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi idil Addunyaarratti Aanga’oota Teehiraan waliin mari’ataniiru.

Sargeey Shooyiguun guyyaa kaleessaa Iraan Teehiraan dhaqanii turan.

Sargeey Shooyiguun Ajajaa Olaanaa Eegdoota Warraaqsa Islaamummaa fi Barreessaa Olaanaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Riir Admiiraal Aluu Akbaar Ahimad waliin mari’ataniiru jedhame.

Akkasumas Pireezidaantii Iraan Maasuud Peezeshikiyaanii fi Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Waraanaa Iraan Mahaamad Baagarii waliin mari’achuu Reuters gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment