Raashii Sunaak Muummee Ministiraa Ingiliz akka ta’an mirkanaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Raashii Sunaak sagalee Muummee Ministiraa isaan taasisuu danda’u argatan.

Sunaak Paarlaamaa Ingiliziin sagalee walakkaa ol argachuun, morkataa isaanii Peenii Mordaawunt injifataniiru.

Raash Sunaak Maatii Hinduu keessaa Magaalaa Saawuzampitanitti kan dhalatan yoo ta’u, miseensa Paartii Konsarvaativii Ingliz ta’uun bara faranjootaa 2019 irraa eegalee hanga 2020tti Ittigaafatamaa Bulchiinsa Faayinaansii Ingiliz ta’uun tajaajilaniiru.

Gara aangootti wayita dhufan qaala’iinsa gatii Ingilizitti mudate tasgabbeessuun hojii duraa isaanii ta’a jedhamuu BBC’n gabaaseera.

Booris Joonsaniin bakka bu’un Muummee Ministiraa ta’uun kan filataman Liiz Tirees guyyoota 44 boodaa torban darbe aangoo gadi lakkisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment