Raafaayeel Vaaraan kubbaa dhaabuu beeksiise

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Taphataan sarara Ittisaa Riyaal Maadridii fi Maanchister Yuunaayitiid duraanii Raafaayeel Vaaraan tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksiise.

Vaaraan ganna darbe Maanchister Yuunaayitiidirraa gara Kilaba Xaaliyaanii Koomootti imaluun kan yaadatamuudha.

Kilabicha keessatti Miidhaa isa mudate hordofee umrii waggaa 31ffaa isaatti tapha Kubbaa Miilaa dhaabuu ‘KickOff’ gabaaseera.

Vaaraan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Faransaay waliin Waancaa Addunyaa milkeesseera.

Riyaal Maadrid waliin Waancaa Shaampiyoonsi Liigii fi Laaligaa fudhateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment