Raadiyoon Quunnamtii gochaa shororkeessummaaf oolfamuuf turee to’atame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)-Biyya keessa galfamuun gochaa shororkeessummaaf oolfamuuf kan ture Raadiyoon Quunnamtii Dirree Waraanaa to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Godina Geedi’oo beeksise.

Raadiyoon Quunnamtii seeraan alaa kunneen Mooyaaleerraa kan ka’e ta’uu Ajajaan Poolisii Godinichaa Komaandar Girmaa Bayyanaan dubbataniiru.

Shakkamtoonni gochicharratti hirmaataanis to’annoo jala oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Raadiiyoo quunnamtii kanneen to’annoo jala oolchuuf qindoominni Poolisii fi hawaasaa olaanaa ta’uu ragaa Poolisii Naannoo Kibba Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment