Raabsitoota Simiintoo gatii kaa’ameen ala gurguranirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsame

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) – Gatii Simiintoo mootummaan baasee ala raabsitoota gatii dabaluun gurguranirratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinneen beeksise.
 
Ministeerri daldalaa aal seerummaa gurgurtaa Simiintoo hambisuuf calcala faddaaltoota seeraan alaa gabichaa kutuuf gatii Siimiintoo murteesseera.
 
Gatii Siimiintoo Warshaaleef ba’e kanaan dhaabbileen misoomaa mootummaa fi qajeelfamicha kabajuun hojjechuuf daldaltoonni dhuunfaa filatamuun gara hojiitti galaniiru.
 
Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee qaala’iinsa gatii Simiintoo too’achuu fi gatii murteessuun dameen ijaarsaa akka jajjabaatuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
Raabsitoonni Simiintoo Warshaalerraa fudhachuun raabsan Kuntaala tokko akkuma fageenya isaatti Birrii 240 fi saantima 20 – 388f saantima 10niitti akka gurguran murtaa’eera.
 
Yaa ta’uutii raabsitoonni tokko tokko gatii murtaa’ee ala yeroo gurguran hordoffii taasifameen mirkanaa’uu biirichi beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment