Quuqamaa bosona Amaazoonii fi hogganaan hawaasa naannichaa lubbuun darbe

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Quuqamaan bosona Amaazoonii fi hogganaan hawaasaa naannichaa vaayrasii koroonaan lubbuun isaa darbeera.

Quuqamaan bosona Amaazoonii fi hogganaan hawaasa naannichaa kan ta’e Puu’aliinhoo Piyaakaa umrii waggaa 65 itti vaayrasii koroonaan lubbuun isaa darbeera.

Biraaziilitti weerara vaayrasii koroonaaf saaxalamoo kan ta’an dhalattoonni Agaareew Amaazoon jiraatan haala cimaan miidhaamu ni himama.

Kanafiis Puu’aliinhoo Piyaakaa roobii darbee lubbun isaa darbeera.

Piyaakaan sadarkaa idil addunyaatti qalbii namoota hedduu kan harkisee bara Faranoota 1980 ittidha.

Piyaakaan bara 1980 keessa Biraaziil gara demookiraasitti yeroo deebitu sagalee dhalattoota Areegaaw ta’uun hawaasni isaa Amaazoon keessaatti iddoo guddaa akka qabataniif tuumsa cimaa taasiseera jedhama.

Kanarra darbes namoota seeraan alaa albuudaa baasanii fi bosona mancaasaan baasuu danda’eera.

Biraaziilitti namoonni kumni 9 fi 55 vaayrasichaan yoo qabaman, lammileen kumni 46 fi 500 ammoo vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment