Qulqulluu Abunee Marqooriyoos bu’aalee Dooktar Abiy galmeessaniif galata dhiyeessan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Paatirayaarikiin Ordotoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Qulqulluu Abunee Marqooriwoos bu’aalee Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad galmeessaniif galata dhiyeessan.
 
Qulqulluu Abunee Marqooriwoos har’a Waajjira Muummee Ministiraatti argamuun kennaa bara haaraa Dooktar Abiy Ahimadiif kennaniiru.
 
Dooktar Abiy erga gara aangootti dhufanii Siinoodoosii bakka lamatti qooddame ture gara tokkottu akka dhufu shoora olaanaa ba’aniiru jedhan.
 
Qabeenya mana amantichaa mootummaan qabamee ture deebisuu isaanis dubbataniiru.
 
Qulqulluu Abunee Marqooriwoos, Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ‘Ortodoksiin biyya’ ilaalcha jedhuun aantummaa mana amantaa Kiristiyaanaaf qaban muul’isaniiru jedhan.
 
Yeroo biyyi rakkoo keessa jirtuutti ogumman bulchuuf ga’ee olaanaa gumaachuu isaanii himaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gama isaaniin manni amatichaa yeroo rakkoon biyya muudateetti labsii kadhannaa labsuun hojjetaa turuu ishee ragaa ba’aniiru.
 
Yeroo itti aanus hojiileen gaariin eegalaman akka milkaa’an kadhannaan abbootii itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment