Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)-Ayyaana qilleen walqabatee qulqullinaa fi nageenyummaa oomishaalee gabaaf dhiyaatanii mirkaneessuuf to’annoo fi horodffii cimaan taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa nyaataa fi qorichaalee Itiyoophiyaa beeksise.
Abbaa Taayitichaatti Dursaa Hoji Raawwachiisaa Inispeekshinii Nyaataa fi Seeraa Raawwachiisuu Obbo Mulaatuu Tasfaayeen akka ibsanitti, qulqulinaa fi nageenymmaa oomishaalee gabaaf dhiyaatanii mirkaneessuuf hojiin hordoffii fi to’annoo gaggeeffamaa jira.
Naannawaalee bittaa fi gurgurtaan bal’inaan gaggeeffamutti oomishaalee nyaataa fi nyaataan walqabatan irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoomuun hojii to’annoo qulqullinaa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.
Hawaasni shamataatanis wayita bittaa fi gurgurtaa raawwatu, yeroo tajaajilaa oomishalee sirriitti adda baasuun shamatachuu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.
Wantoonni shakkisiisoon yoo mudatan toora bilbila bilisaa abbaa taayitichaa 8482’n beeksisuu yookaan qaamolee nageenyaaf eeruu kennu akka qaban ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia