Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tattaaffiin eegalame kutannoon kan hojjetamudha-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Kurmaana jalqabaa 2016’tti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hedduun hojjetamuu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan dubbatan.

Raawwiin damee barnootaa kurmaana jalqabaa bara 2016 bakka Ministirri Muummee FDRI argamanitti gamaaggamameera.

Gamaaggamicharratti Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka ibsanitti, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiru.

Tattaaffin eegalames fooyyessa sirna barnootaa dabalatee bu’aalee jajjabeessaan galmaa’uun eerameera.

Sirna barnootaa haaraan sadarkaa barnootaa hundaa naannawaa biyyattii hundatti hojiirraa oolfamuu eegaluu hubachiisaniiru.

Fooyyeessa barnootaa hordofee hanqina kitaabilee mudatee hambisuufis tattaaffiiwwan garaagaraa taasifamaa turuu yaadachiisuun, hanga dhuma baatii Sadaasaatti kitaabilee barnootaa waliin gahuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuufis sosochiin sagantaan “Dhaloota Misoomaaf” jedhuun eegalameen bu’aa olaanaan galmaa’eera jedhan.

Kana malees, dura bu’oonni mana barnootaa fedhii siyaasaarraa walabaa ta’uun dandeettii isaaniin bakka akka argataniif adeemsi deemame jajjabeessaa ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

Dhaabbilee barnootaa olaanoottis fooyya’iinsi garaagaraa taasifamaa akka jiru eeruun, bariisota kuma 4’f leenjiin gochaan deeggarame waggaa tokkoof kennamuu yaadachiisaniiru.

Qormaanni ba’iinsaa kennamuu eegaluu fi qormaanni barnootaa digirii 2ffaa haala walfakkaataan akka kennamu taasifamuu himaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufis fooyya’iinsi eegalames haala kamiinuu duubatti kan hindeebinee fi dhimma kutannoon hojjetamu ta’uu Pirofeesar Birhaanuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment