Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Sadarkaa qorannoowwanii Fooyyessuu fi misooma Barsiisotaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC) – Kolleejiin ‘East Africa’ Magaalaa Adaamaatti konfiransii qo’annoo fi qorannoo barnootaa jalqabaa gaggeesseera.

Konfiransichi mate duree ‘qorannoo fi msoomaan qulqullina barnootaa mirkaneessuu” jedhuun gaggeeffame.

Kaayyoon isaas dhaabbileen barnootaa rakkoolee hawaassaa fi biyyaa furuuf qo’annoo fi qorannoo qulqullina qabu gaggeessuu akka qaban hubachiisuu ta’uu ibsameera.

Kolleejichi qulqullina barnootaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu preezdaantiin kolleejichaa obbo Muusaa Diimaa ibsaniiru.

Koolleejichi qulqullina barnootaa cimsuuf hojjechuun cinattis rakkoolee hawaasaa furuuf qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranii fi dhaabbilee barnootaa biroo waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Konfiransicharratti waraqaaleen qo’annoo fi qorannoo 4 kan dhiyaatan yoo tahu, hayyoota Yuunvarsiitiiwwan mootummaa 12 irraa walitti babba’an hirmaataniiru.

Yoonaataan Biraanuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment