Qullubbii Gabreeliin nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaan xumuramuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabreelii Nagaan kabajamee akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan tasifamuu Humni Waloo Nageenyaa Bahaa Itoophiyaa Beeksisee.

Humni Waloo Nageenyaa Bahaa Ityoophiyaa ibsa FBC’f ergeen Ayyaanni waggaa Qulqulluu Qullubbii Gabreelii Adoolessa 19, 2015 kabajamu rakkoo nageenya tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu beeksiseera.

Humni Waloo kun, Komandipoostii yeroo Hogganaa Qajeelcha Poolisiin Godina Harargee Bahaa Gargaaraa Komishiinaraa Naasiir Mahammadiin durfamu hundeessuu ibseera.

Ayyaanichi karaa nagaan akka kabajamuuf Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Oromiyaa Godina Harargee Bahaa fi Lixaa, Poolisiin Dirre Dhawaa fi Naannoo Hararii waliin ta’uun qophii gahaa taasisuun hojitti galuus ibseera.

Waggatti yeroo lama kan kabajamu Ayyaanni Qullubbii Gabreelii Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Qullubbiitti Adoolessa 19, 2015 kabajama.

Ayyaanichi karaa nagaan akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa qindoomuun hojitti kan galan ta’uu fi hawaasnis nageenya mirkaneessuu keessatti qooda isaa akka bahatu waamicha dhiyeesseera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment