Qubeelaan Atleet Abbabaa Biqilaa waggaa 55 booddee maatiisaaf deebi’e

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Qubeelaan Atleet Abbabaa Biqilaa waggaa 55 booddee maatiisaaf deebi’e

Atleet Abbabaa Biqilaa olompiikii Jaappaan dorgommii maraatoonii Tookiyoo bara Faranjootaa 1964 gaggeeffame irrratti injifannoon yoo xumuru, qubeelaan isaa jalaa badeet ture.

Qubeelaa Atleet Abbabaa Biqilaa bade kana yerichatti hojii qulqullinaarra kan turte lammiin Jaappaan fuutee akka olkeessetu himame.

Atleet Abbabaan waqtichatti kutaa mana dhiqannaa istaadiyoomii keessatti irraanfatee akka ba’e dubartiin kun kan himte.

Miiste Baark qubeelaa Atleet Abbabaan kutaa dhiqannaatti irranfataanii ba’an kana akka deebisaniif haati isaanii Baark akka itti kennan himaniiru.

Yerichaatti nama umurii 19 kan turte Miister Baark amaanaa jaarraa walakkaaf isaan bira ture kana maatii Atleet Abbabaa Biqilaa dhiifama gaafachuun qubeelichaa maatii Atleet Abbabaaf laataniiru.

Maatii Atleet Abbabaa Biqilaas dhiifama isaanii fudhachuun qubeela ilma isaanii waggaa 55 booddee fudhataniiru.

Comments (0)
Add Comment