Qotee fi horsiisee bultootni Oromiyaa kuma 6 ol gara invastimantiitti ce’an

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti horsiise bultootnii fi qonnaan bultootni kuma ja’aa ol gara invastimantiitti ceesifamuu Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee himan.
Horsiise bultootnii fi qonnaan bultootni gara invastimantii ceesifaman kunneen kan Birrii Biiliyoona 30 horatan tahuu ibsaniiru.
Horsiise bultootaa fi qonnaan bultoota kunniin hojii haaraa osoo hin taane, hojii beekan irratti hirmaatani akka milkaa’an hojjatamaa akka jirus Dooktar Girmaan himaniru.
Hojii Agiro-pirosesiingii (Agroprocessing), maanufaachariiingi (manufucturing) fi tajaajilaarratti hirmaatanii akka hojjatanis eeraniiru.
Qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota kanneeniif sanbata dhufuu kaasee leenjiin hubannoo uumuu akka kennamufis Dooktar Girmaan dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment