Qormaatilee Ityoophiyaa muudatan hunda wareegama barbaachisu kaffaluun injifachuu gochaan agarsiisneerra-Obbo Ristuu Yirdaa

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)-Preezdaantiin Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaa  qormaatilee Ityoophiyaa muudatan hunda wareegama barbaachisu kaffaluun uummata injifachuu danda’uu ta’uu keenyaa har’as gochaan agarsiisneerraa jedhaniiru.

Hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo naannichaa haala waqtaawaa biyyarratti magaalaa Hawaasaatti mari’ataniiru.

Preezdaant Ristuun maricharratti haasaa taasisaniin, humnoota biyya keessaa fi alaa Ityoophiyaarratti dhiibaa uumaan qolachuuf ejjennoon Ityoophiyaanoonni agarsiisaan kan dinqisifatamuudha jedhaniiru.

Birmaddummaa fi tokkummaa Ityoophiyaa itti fufsisuun duula eegalamee cinaattis nageenyaa fi badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuuf hojiin hojjetamee cimee kan itti fufuu ta’uu ibasniiru.

Waltajjicharratti dhimmoota naannoo fi biyyoolessaarratti mar’achuun kallattiin kan ka’amuu ta’uu ragaan naannicharra argamee ni muul’dhisa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment