Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaa fi kutaa 12ffaaf qophiin xumurame – BBO

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Qormaata sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaa fi kan biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaaf qophiin xumuramuu Biiroon Baarnootaa Naannoo Oromiyaa ibseera.
Qormaata kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamuufi qormaata biyaaleessaa kutaa 12ffaaf qophiin kan xumurame ta’uu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Barisoo ibsaniiru.
Oromiyaatti bara kana barattootni kuma 246 ol qormaata kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu eeraniiru.
Akka Naannoon Oromiyaatti bara kana qormaanni kutaa 6ffaa yeroo jalqabaaf kan kennamu yoo tahu, Barattoonni kutaa 6ffaa kumni dhibba 731 fi 955 kan qoraman ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaa Qormaanni giddu gala wiirtuu qormataa hunda qaqqabee jiraachuu kaasuun qophiin qormaataaf taasifamu xumuramuu ibsaniiru.
Akka Oromiyaatti barattoonni miiliyoona 11.6 ta’an barnootaa irratti argamu jedhan.
Gama Onlaayiinin Magaalota Shaggar, Adaamaa, Bishooftuu fi Jimmaatti Barattoonni shaakala ga’aa taasisanii jiraachuus kaafameera.
Kanneen hafanis, Yuuniversitiiwwan Oromiyaa keessa jiranitti shaakaluun ga’umsi isaanii erga ilaalamee gama onlaayiniin kan qoraman ta’uu dubbataniiru.
Waliigala naannichatti barattoonni miiliyoonni1 fi 651 ol qoramaata sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaa fi kan biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophiin xumuramuu himaniiru.
Qormaanni kutaa 6ffaa Caamsaa 29 fi 30 akkasumas qormaanni kutaa 8ffaa waxabajjii 4 fi 5 akka kennamu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment