Qormaata kutaa 12ffaaf kan oolu Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa ni galu jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Qormaata kutaa 12ffaaf kan oolu Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa kan galan ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

 

Qormaata kutaa 12ffaa hanga Amajjii xumuratti ‘online’ laachuuf karoorfamuu ministeerichi ibseera.

 

Ministeerichi Ejansii qormaata biyyaalessaa waliin ta’uu qophii qormaata 12ffaa ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koree dhaabbii qabeenya humna namaa fi Teeknoolojiif ibsa laateera.

 

Laaptoppiiwwan kuma 12 warreen qormaata qoraniif hiruuf qophiin xumuramuu fi Taableetoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 hanga xumura baatii Muddeetti biyya keessa kan galan ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment