Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Yaadama haaraan qormaata gara carraatti jijjiiruun yeroo tasgabbaa’aa fi bu’aa qabeessa dabarsineerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan.
Manni Maree naannichaa Yaa’ii Idilee 2ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 3ffaa Magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeessaa jira.
Gabaasni raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.
Yaadama haaraan qormaata gara carraatti jijjiiruun hanga qabeenya horachuutti adeemuun yeroo tasgabbaa’aa fi bu’aa qabeessa dabarsineerra jedhan Obbo Xilahuun Kabbadaan ibsa yaa’icharratti kennaniin.
Magaalaa fi baadiyyaatti hojiileen misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduun hojjetamuu kaasaniiru.
Hariiroo ummattoota naannichaa caalmaatti cimsuuf seenessa waloo cichoomsuurratti hojiin bu’aa qabeessi raawwatameera jedhan.
Maateyoos Fallaqaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.