Qormaata ce’umsaa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumuramaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Qormaata Biyyaalessaa 12ffaa kennuuf qophiin guutumaa guutuutti xumuramaa jiraachuu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaatilee biyyaalessaa beeksiise.
Qormaaticha karaa sodaa nageenyaarraa bilisaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggarameen laachuuf of eeggannoon hojjetama jiraachuu Daayrektarri olaanaan Tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbaddaan ibsaniiru.
Barattoonni qophii barbaachisu taasiisuun bu’aa dhamaatii isaanii argachuuf hojjechuu akka qaban Dooktar Isheetuun hubachiisaniiru.
Qormaanni Ce’umsaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 Fulbaana 30, 2015 eegalee Yuunvarsiitiiwwanitti akka laatamuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa ibsuun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment