Qormaantileen biyya keenya mudatan injifannoo caaluuf nu si’eessu malee kan nu jilbeeffachiisan miti-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Itti Aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii qormaatileen biyya keenya mudatan injifannoo caaluuf nu si’eessu malee kan nu jilbeeffachiisan miti jedhaniiru.

Mariin mata duree ” Baay’inni qormaataa imala badhaadhina keenyarraa nu hin dhaabu” jedhu, gidduugala Galma Aadaa Oromootti taa’amaa jira.

Maricharratti haasaa saaqiinsaa kan taasisan Obbo Awwaluu Abdii, rakkoon siyaasa diinagdee keenya keessatti nu quunnamaa jiran hedduun sababa maraamartoo dhibee siyaasa bubbule keessaa ba’uu dadhabuu keenyaarraa kan madde ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee kanneen keessaa bahuufis qaamoleen hawaasaa fi mootummaan qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Naannoo keenyatti rakkoon nageenyaa, hannaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii kenna tajaajilarratti mul’ataa jiran kan furamuu danda’an uummata dhaggeeffachuuniifi karaa aadaaf duudhaa keenyaan rakkicha furaa deemuunis tahuu dubbataniiru Obbo Awwaluun.

Marichi Hooggantoota, Abbootii Adeemsaafi Hojjettoota adda duree Kilaastera Hordoffii fi deeggarsaa kan hirmaachise ta’uu ibsamuu ragaan waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment