Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinneetti laatamaa ture xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinneetti Waxabajjii 23 -25, 2013tti laatamaa ture xumuramuu Biiroon Barnootaa magaalichaa beeksiise.
Magaalichati guyyoota sadan darbaniif barattoota kuma 72 fi 694f buufataalee qorumsaa 175 irratti laatamaa ture xumuramuu Daayreektarri qophii qormaataa fi Bulchiinsaa biirichaa obbo Diinaa’ool Caalaan ibsaniiru.
Barattoonni kumni 1 fi 80 qormaata kana osoo hin fudhatan hafuu himaniiru.
Qormaanni kutaa 8ffaa bara kanaa buufataalee qormaataa hundarratti rakkoo nageenyaa tokko malee tasgabbiin xumuramuu Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee obbo Zalaalam Mulaatuun ibsaniiru.
Qaamoleen qormaanni kun akka milkaa’u gumaachan hunda galateeffachuu isaaniin ragaan Biiricharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment