Qormaanni Madaalli Ga’umsa Ogummaa barsiisoota naannoo Oromiyaa Caamsaa 30, 2013 ni laatama

 

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Qormaanni Madaalli Ga’umsa Ogummaa barsiisoota naannoo Oromiyaa Caamsaa 30, 2013 kan laatamu ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiise.
Qormaanni Madaalli Ga’umsa Ogummaa barsiisotaa fi Hooggansa Manneen Barnootaa buleeyyiif kennuuf qophii hundi xumuramee qormaatni Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa qaqqabuu isaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Barsiisoonni sadarkaa dippiloomaa kuma 47 fi 785 fi kan digirii kuma 26 fi 785 madaallicha kan fudhatan ta’uu ragaan biiricharraa argame ni agarsiisa.
Akkasuma Hooggansi Mana Barumsaa Sadarkaa1ffaa Kuma1 fi 73 fi Hoggansa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa 388 qormaatichi ni kennama jedhame.
Walii-galaan qormaata kana kan fudhatan ogeeyyi Kuma 75 fi 583 ta’an buufata 193 irratti ni fudhatu jedhameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.


Comments (0)
Add Comment