Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qormaanni Kutaa 8ffaa Waxabajjii 27 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
Qophiin qormaata naannoo kutaa 8ffaa bara 2014 xumuramuusaa biirichi beeksiseera.
Qormaaticha Waxabajjii 27-29,2014 kennuuf qophiin xumuramuu ibsameera.
Manneen barnootaa kuma 9 fi 374tti kan kennamu ta’uu eerameera.
Barattoonni kuma dhibba 4 fi kumni 50 fi 235 galmaa’anii qormaata fudhachuuf qophaa’uu ibsameera.
Yeroo ammaa qormaanni maxxansi isaa raawwatee, geejibsiifamaa jiraachuu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.