Qormaanni kutaa 12ffaa nagaan akka xumuramu qophii ga’aan taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Poolisiin Federalaa Qormaanni kutaa 12ffaa karaa nagaan akka xumuramu qophii ga’aan taasiifamuu beeksiise.

Komishinii Poolisii naannolee fi bulchiinsa magaalootaa waliin qophiin qindoomina qabu taasiifamuu ibsameera.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Ministeera Barnootaa fi Komishinaroota naannolee waliin haala qormaatichaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Dhimma nageenyarratti tumsaan hojjechuun qormaanni kutaa 12ffaa rakkoo tokko malee karaa nagaan akka xumuramu itti gaafatamummaan hojjechuun murteessaa ta’uu Komishinar Dammallaash ibsaniiru.

Mootummaan sirna barnootaa jijjiiruuf baajata olaanaa ramadee hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Barattoonni yaaddoo rakkoo nageenyaa tokko malee qormaata isaanii akka qoraman caasaaleen nageenyaa qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.

Barattoonni wayita gara qormaataa seenaan meeshaalee qara qaban, sibiiloota, Pilaastikoota jajjaboo, baalawwan sammuu adoochaanii fi dhugaatii Alkoolii fayyadamuun dhorkaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Maandafiroon ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment