Qormaanni biyyooleessa kutaa 8ffaa bara 2012 Muddee 1 hanga 30tti laatama

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)-  Qormaanni biyyooleessa kutaa 8ffaa bara 2012  guyyoota Muddee 1 hanga 30tti  jiran keessatti bu’ura sagantaa naannoleen baasaniin akka laatamu Ministeerri Barnoota beeksise.

Ministir deettaan Ministeera Barnoota obbo Miiliyoon Maatiyoos ibsa laataniin baatii Muddee ni laatama jedhame kan ture qormanni biyooleessaa 12ffaan haala waaqtawaa biyyaan yeroo hin beekamneetti dheereffamu ibsaniiru..

Obbo Miiliyoon ibsichaan qormaatichi yeroo murta’ee booda kan laatamuu ta’uus barattoonni qophiisaanii cimsanii akka itti fufaan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment