Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaaa xumurame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC)–Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Adoolessaa 19, 2015 eegalee laatamaa ture xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa Saayiinsi Uumamaa kennama ture xumurame

Ministirri Ministeericha Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsa kennaniin, qormaatichi hannaa fi warraabbiirraa bilisaan xumuramuu ibsaniiru.

Adeemsa qormaatichaa keessatti lubbuun barattoota lamaa darbuu fi balaa tiraafikaa mudateen barattoota 13 irraa miidhaan qaqqabuu eeraniiru.

Gama biraatiin, barattoonni Naannoo Tigraayitti qormaata bara 2012 osoo hinfudhattin hafan fuulduraatti qoramuu kan danda’an ta’uu Pirofeesar Birhaanuun ibsaniiru.

Naannoo Tigraayitti baatii Fulbaanaa qormaani kutaa 12ffaa kan kennamu ta’uu eeruun, amma barnoonni dandeetti cimsuu kennama jiraachuu kasaaniiru.

Taarikuu Laggassaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment