Qormaanni ba’umsaa barattoota digirii jalqabaan eebbifamanii Adoolessa 3, 2015 eegalee ni laatama

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2015 (FBC) – Qormaanni ba’umsaa barattoota digirii jalqabaan eebbifamanii Adoolessa 3 – 8, 2015tti kan laatamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Adoolessa 15, 2015 eegalee sagantaallee barnootaa 211n qophiin barbaachisu guutumaan guutuutyi taasiifamuu ibsameera.

Dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa akka biyyaatti jiran 325 keessaa
161 fi kan mootummaa 44 barattoota isaanii kan qoran ta’uu ibseera.

Barattoonni dhaabbilee barnootaa dhuunfaa kumni 95 fi 755 fi Yuunivarsiitiwwan mootummaa kumni 74 fi 776 qormaaticha kan fudhatan ta’uu eerameera.

Barataa qormaaticha hin dabarreef Digiriin kan laatamneef ta’uu fi qormaata ministeerichi irra deebiin qopheessu kan qoraman ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment