Qormaanni barattoota Saayinsii Hawaasaa xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Qormaanni biyyaalessaa marsaa jalqabaa barattoota Saayinsii Hawaasaa kutaa 12ffaa xumuramuu Ministeerri barnootaa beeksise.

Ministeerri barnootaa ibsa kenneen barattoota qormaataa fudhatu jedhamaanii eegaman kuma 595 keessaa, barattoonni kuma 586 fi 541 qormaaticha fudhachuu ibseera.

Wayita qormaatichi eegaletti Yuunivarsiitii Hawaasaatti balaa mudatee fi Yuunivarsiitiiwwan Maqdalaa Ambaa, Dabira Maariqoos, Baahirdaar fi Dabirataabooritti sirna barnootaa haala faallesseen “Hinqoramnu” jechuun barattoonni kuma12 fi 787 mooraa gadi lakkisanii ba’uu beeksiseera.

Addatti Yuunivarsiitii Dabirataabooritti hookkara mudateen lubbuun barataa tokkoo yoo darbu, qaamolee nageenyaarras miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Miniyichil Azzazeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment