Qormaanni barattoota Saayinsii hawaasaa kutaa 12ffaa xumurame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Guyyoottan sadan darban kennamaa kan ture qormaanni biyyaalessaa barattoota Saayinsii Hawaasaa kutaa 12ffaa nagaan xumuramuu Tajaajilli Qormaataa fi Madaallii Barnootaa beeksise.

Tajaajilichi qaamolee adeemsichi nagaan akka xumuramuuf gumaachan galateeffatteera.

Qormaata Saayinsii Umamaaf Barattoonni gara giddugalaa qormaatni itti kennamuu (Yuunivarsiitii) akka seenanii fi Wiixata dhufu oorenteeshiniin akka kennamu eerameera.

Qormaannis Kibxataa fi Roobii akka fudhatanis beeksisuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment