Qormaanni bahiinsaa madaallii waloo dhaabbilee barnoota olaanoo mootumma fi dhuunfaati-Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Qormaanni bahiinsaa madaallii waloo dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa fi dhuunfaa ta’uu Ministeerri Barnootaa ibse.

Qormaata bahiinsaarratti dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa waliin mari’atameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Faantaa Maandaafiroo akka eeranitti, qormaanni bahiinsaa, dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ulaagaa dorgommi murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Bu’uura qabxii qormaata bahiinsaatiin, dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa fi mootummaa akka waldorgomanis ibsaniiru.

Bu’aa gaariin kan argamu adeemsi gaariin oggaa jiraatu ta’uun, barattoonni dhaabbilee kanneenii bu’aa akka argataniif gamanumaa qophii taasisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Hoji Raawwachiisaan Dhimmoota Akkaadaamii Dooktar Eebbaa Miijanaa gama isaaniin, qophii fi bulchiinsa qormaata bahiinsaarratti qaamoleen dhimmi ilaallatu akka hirmaatanii fi qindeessummaa Ministeera Barnootaan giddugaleessatti akka qophaa’u ibsaniiru.

Barattoonni eebbaaf ga’uu fi ragaa barnootaa isaanii fudhachuu kan danda’an qormaata bahiinsaa erga darbanii booda ta’uu eeranii, barattoonni qormaaticha hindabarre qophii barbaachisaa taasisuun irra deebiin qoramuu akka danda’an hojmaanni akka diriiru beeksisaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo qormaata bahiinsaaarratti qophiin taasisaniif Ministeerri Barnootaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsameera.

Pireezidaantiin Waldaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dhuunfaa fi Dhaabbilee Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa Dooktar Mollaa Tsaggaayee, carraan barnootaa digirii 3ffaa kennamaa jiru akka guddatu gaafachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Garaagarummaa hojiirraa oolmaa seeraa dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaarratti mul’atu akka sirratus gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment