Qormaanni bahiinsa dhaabbilee barnootaa olaanoo bara 2016 xumurame – Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Qormaanni bahiinsaa dhaabbilee barnootaa olaanoo bara 2016 kennamaa ture xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Sagantaawwan eebbaan duraa 244’n irratti qormaanni bahiinsaa Waxabajjii 14 – 19, 2016’tti kennamaa turuu Ministeera Barnootaatti Itti gaafatamaan Deeskii qulqullina barnootaafi fooyya’insa gahumsa Obbo Sayid Mahaammad ibsaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoon mootummaa 57 fi kan dhuunfaa 124 barattoota isaanii qormaataaf dhiyeessuu eeraniiru.

Qormaatichi giddu galawwan qormaataa 51 keessatti kennamuu himaniiru.

Barattoota qormaataaf galmaa’an kuma 169 fi 790 keessaa barattoonni kuma 117 fi 192 yeroo jalqabaatiif, barattoonni kumni 52 fi 598 ammoo qormaaticha irra deebiin fudhachuuf kan galmaa’an ta’uu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Bu’aan qormaatichaa yeroo dhiyootti kan ibsamu ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment