Qorichoonni rakkoo fayyaa qaqqabsiisan seeraan ala raabsamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Qorichoonni rakkoo fayyaa olaanaa qaqqabsiisuu danda’an seeraan ala raabsamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiise.
Sadarkaa idil addunyaatti qorichoonni rakkoo fayyaa hammataa qaqqabsiisuu akka danda’an mirkanaa’aan karaa seeraan alaa magaalaa Finfinnee keessatti raabsamaa jiraachuu Daayreektarri abbaa Taayitichaa aadde Heeraan Garbaa ibsaniiru.
Rakkicha furuuf to’annoo cimaa gaggeeffameen qorichoonni qabiyyeen isaanii sadarkaa gadi ta’an akka biyyaatti % 8 ta’uu isaanii ibsameera.
Qorichoonni kuneen gama Daandii Qilleensaa fi daangaan seeraan ala biyya keessa kan galan ta’uu himaniiru.
Dandaltoonni faayidaa dhuunfaaf jecha qorichoota kanneen bilbilaa fi miidiyaalee hawaasummaan iccitiin raabsaa jiraachuu aadde Heeraan dubbataniiru.
Hawaasni of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:- DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment