Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Qorichoonni Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamuun alaa bitaman gara dhaabbilee tajaajilaatti galuu isaanii Ejensiin Dhiyeessa Qorichaalee Ityoophiyaa beeksiseera.
Qorichoonni kunneen dhuma baatii darberraa kaasee gara man-kuusaa dhaabbileetti galu Daayrektarri bittaa qorichaa fi meeshaalee fayyaa ejensichaa obbo Naahoom Gammachuu ibsaniiru.
Qorichoota kanneen keessaa qorichoonni lubbuu baraaran Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 77 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 55 fi 528 akkasumas qorichoonni bu’uuraa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 61 fi kuma dhibba 4 fi kuma 93 fi 906 bitamaniiru jedhan.
Dabalataan meeshaaleen tajaajila wal’aansaa Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4 fi kuma 21 fi 552tti tilmaamaman bitamuu eeraniiru.
Qorichoonni kunneen fedhii qoricha hawaaasaa guutuuf kan gargaaran ta’uu ragaan Ejensii Dhiyeessa Qorichaalee Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.