Qorichii fi meeshaaleen yaalaa gara naannoo Tigiraayitti geeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) –Qorichii fi meeshaaleen yaalaa gara naannoo Tigiraayitti geeffamaa jira.
Birrii miiliyoona 16 ol baasii kan itti ta’e qorichii fi meeshaaleen yaalaa gara naannoo Tigiraayitti geeffamaa kan jiru yoo ta’u guyyaa boruu ni rabsama.
Qorichii fi meeshaaleen yaalaa guyyaa kaleessaa eegalee gara magaaloota Maqalee, Addigiraatii fi Shiree geeffamuuf imalarra jiraachuu beekkameera.
Wayita achi ga’u hospitaalootaa fi buufataalee fayyaa garagaraatti kan rabsamu ta’a.
Qorichoota garasitti imalaa jiran keessaa qorichootaa waldhaanamoota kalee fi sukkaaraa akkasumaas tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immaniif kan oolu fa’i.
Qorichii fi meeshaaleen yaalaa geeffamaa jiran kunneen karaa Ejansii Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaan akka rabsamu ibsameera.
Kanaan dura Lixaa fi Kibba Amaaraa fi Afariin karaa dameewwan ejansichaan qorichi rabsamuu ni beekkama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment