Qorichi seeraan ala mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti kuufame to’atame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Qorichi seeraan ala mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti kuufame to’atamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Qorichichi seeraan ala mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee gurgurtaaf osoo dhiyaatuu to’atamuu ibsameera.

Abbaan taayitichaa oppireeshinii Poolisii Federaalaatti Qajeelcha Intalajansii Yakka Daangaa ce’aa waliin gaggeesseen qorichicha to’achuu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Qorichichi ogeessaan kan ajajamu ta’uu fi mana nama ogeessa hin taanee keessatti qabamuu akkasumas haala qulqullina isaarratti dhiibbaa uumuu danda’uun kuufamuu isaatiin to’atamuu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment