Qorichi farra Bookee Busaa namoota miiliyoona 1.6 oliif ooluu raabsamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Qorichi farra Bookee Busaa namoota miiliyoona 1.6 oliif ooluu raabsamuu Tajaajilli Dhiyeessa Qorichaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Kuufamni Qorichaa namoota miiliyoona 1.6 ol yaaluuf oolu jiraachuu Itti aanaan Daayreektara Olaanaa Tajaajilichaa Salamoon Niguseen Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Bara kana weerarri dhibee Busaa mudachuu hordofee kuufamni qorichaa akka haphatu taasiisuu eeruun, raabsi qorichaa kan duriirra harka 3 dabaluu kaasaniiru.

Yaallamtoonni dhibee Bookee Busaa naannoo Uummattoota Kibba Lixaatti daraan hedduu ta’uu kaasaniiru.

Raabsi qorichaa naannichaaf karaa Damee Jimmaan dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Sadarkaa biyyatti hanqinni qorichaa jiraachuu baatus rakkooleen namtolchee garuu qormaata ta’uu Obbo Salamoon kaasaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment