Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC)- Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa hawaasni akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise.
Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiiseera.
Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuu fi Abbaa Taayitichaan kan hingalmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa hinbeekamu jedheera.
Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, ol tuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arguu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluu fi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee cinaa qorichichaa ta’uu ibseera.
Akkasumas carraa rakkoo tiruu, kalee, onnee , dhibbaa dhiiga sadarkaa olaanaa hamaan qabamuuf kan saaxilu danda’u ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.
Hawaasnis kana hubachuun qoricha kana fayyadamuurraa akka of qusatuu fi qorichichi faayidaaf wayita oolu yoo arge karaa toora bilbila bilisaa 8482’n bilbiluun abbaa taayitichaas ta’ee qaamolee to’annoof eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia