Qorattoonni damee yaala Fayyaan vaayrasii Heeppaataaytas ‘c’ argatan badhaasa noobeelii moo’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Qorattoonni damee yaala Fayyaan vaayrasii Heeppaataaytas ‘c’ tiruu miidhu argatan badhaasa noobeelii 2020 moo’atan.

Qorataan Briitaaniyaa Mikaa’eel Hawutanii fi qorattoonni Ameerikaa Ku’arveey Altarii fi Charlas Raayis badhaasa kana waliin moo’ataniiru.

Koreen badhaasaa Noobeeliis qorattoonni kun dhibee vaayraasii Tiruu sadaffaa adda baasuu irra darbee ka’umsa dhukkubichaa fi haala yaala isaa irratti argannoo adda addaa argachuu isaanii ibseera.

Dhibeen kun hanga kaansaarii Tiruutti nama saaxiluu danda’aas jedhame.

Addunyaarratti namoonni miiliyoonni 70 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u, waggaatti namoonni kumni dhibbi 4 ol dhibee kanaan lubbuu isaanii ni dhabu jedhameera.

Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment