Qorannoon xumuraa balaa xiyyaara Booying 737 max Bishooftuutti mudatee ifoome

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Qorannoon xumuraa balaa xiyyaara Booying 737 Max naannawaa Magaalaa Bishooftuutti mudatee ifoome.
 
Balaan xiyyaaraa kun Bitootessa 1, 2011xiyyaarrii Booyiingi 737 Max Finfinneerraa gara Keeniyaatti wayita balali’aa jiru kufe, gabaasi qorannoo xumuraa sababa balaa mudatee ifoomeera.
 
Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Aadde Daagimaawwit Mogos ibsa miidiyaaleef kenniin, manni hojichaa garee qorannoo hundeessuun qo’annoowwan garaagaraa gaggeessaa turuu ibsan.
 
Bu’aa qorannoo xumuraa ifomsuufis weerarri COVID-19 dhiibbaa uumuu ibsaniiru.
 
Aadde Daagimaawwit akka jedhanitti, qaama xiyyaarichaa ‘Amkas’ jedhamu sirna xiyyaarichaan ala ta’uun kufuu akka danda’e eeraniiru.
 
Gareen qorattootaa Faransaay, Ameerikaa fi dhaabbilee garaagaraarra walitti baba’e, deeggarsa qorannoo taasisaniif galateeffachuu DHaabbanni Pireesii Ityoophiyaa gabaaseera.
 
Balichaan lammiilee maatii isaanii dhaban, dhaabbileen damee aviyeeshiniirratti bobba’an gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsuun jajjabina hawwaniiru.
 
Xiyyaarri qabeenyaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’ee ET 302 Booyingi Max 737-8 Finfinneerraa namoota 157 qabatee gara Naayiroobiitti wayita balali’aa jiruu, daqiiqaa ja’aan booda naannawaa Magaalaa Bishooftuutti kufuun hojjettoota balalii dabalatee lubbuun lammiilee biyyoota garaagaraa 157 darbuun ni yaadatama.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment