Qorannoon raawwii imaammata Afaanotaarratti gaggeeffame ifoome

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Qorannoon raawwii imaammata Afaanota biyyaa keessaa akka Afaan lammaffaatti barsiisuurratti gaggeeffame ifoomeera.

Heddumina Afaanii sirna barnootaa keessatti hammachisuun, ijaarsa biyyaafi tokkummaa lammiilee cimsuu Keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhame.

Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinneefi Yunivarsiitiin Barnoota Kootobeen qorannichi qindoominaan gaggeessuu ibsameera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Barnoota Kootobee Dooktar Biraanemasqal Xannaa qorannichaarratti hayyoonni 42 hirmaachuu himaniiru.

Qorannicha kan dhiyeessan Barsiisan Yuunivarsiitii Barnoota Kootobee Dooktar Yoosef Beekoo, haalli kenniinsa barnootaa hawwataa ta’uu dhaabuun, hanqinni barsiisootaafi meeshalee barnootaa sirna barnootaa kanaaf rakkoo ta’uu qorannoon gaggeefame kan agarsiise ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuu, hojii dhaloota qaruuf hojjetamaa jiru milkeessuu keessatti gumaachi Yuunivarsiitii Barnoota Kootobee olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Heddumina Afaanii sirna barnootaa Keessatti hammachisuun, ijaarsa biyyaafi tokkummaa lammiilee cimsuu Keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu Dooktar Zalaalam ibsuu AMN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment