Qorannoon qoratamee ol ka’amuu qofa osoo hin taane hojiirra oolchaa deemuun murteessaadha-Preezdaant Shimallis  Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Qorannoon qoratamee ol ka’amuu qofa osoo hin taane hojiirra oolchaa deemuun murteessaa ta’uu Preezdaantiin mootummaa naannoo Orimiyaa obbo Shimallis  Abdiisaa ibsan.

Hundeeffama Mana Maree Traanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa irratti waraqaan qorannoo hayyootaan qophaa’e dhiyaateera.

Waltajjicha irratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministira Ministeera Qonnaa  Obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa, hayyoonnii fi qorattoonni Yuunvarsiitiiwwan garaagaraa fi bulchitoonni godinaalee argamuu ibsameera.

Qorannochi hojii qonnaa guddisuun guutummaatti gara ammayyaatti ceesisuuf Oromiyaa kilaastaroota qonnaa gurguddoo torbatti kan qoode yoo ta’u, innis haala qilleensaa, biyyee, oomishaaf mijaa’uu godinootaa fi dhaabbilee qorannoo akkasumas xiyyeeffannoon addaa qonnaaf akka kennamu yaadamee ta’uu qorattoonni waraqicha dhiheessan ibsaniiru.

Ministirri Monisteera Qonnaa obbo Umar Huseen gamasaaniin, ga’een Oromiyaan biyya kana keessatti qabu guddaa ta’uu fi dhiyeessii nyaataa, Wantoota alaa bitaman biyya keessaan bakka buusuu, al ergii oomishaalee qonnaa dabaluu fi carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Qorannoo geggeessuun qofti galtee akka hin taanee fi wantoota qorannoon adda ba’an irratti ciminaan hojjechuuf  xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu himaniiru.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicha irratti yaada laataniin qorannoon qoratamee ol ka’amuu qofa osoo hin taane hojiirra oolchaa deemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Beekumsa qonnaan bulaa bira jiru beekuun qote bulaa deeggaruun qonna keenya ammayyeessuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Hayyoonni, Ogeessonnii fi hooggansi sadarkaan jiran jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu, Oomisha baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun jireenya qoonnaan bulaa fooyyessaa diinagdee biyyaaf ga’ee isaanii ba’achuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment