Qorannoon hariiroo naannolee cimsuu danda’u gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa argannoo qorannoo hariiroo naannoolee cimsuu danda’u irratti gaggeessaa ture mariif dhiyeessaa jiraachuu ibse.

Ministeerichatti daayreektooreetiin jeneraalaa federaaliiziimii fi deeggarsa addaa naannoolee argannoon qorannoo duraa gaggeeffamaa ture xumuramuun mariif dhiyeechaa jiraachuu himameera.

Qoranichi hudhaalee walitti hidhaamiinsa naannoo gidduu jiru adda baasuun furmaata itti laachuuf qorannoo gaggeeffamaa ture ta’uu Ministeerichatti daayreektooreetiin jeneraalaa Federaaliizimii fi deeggarsa addaa naannoolee Proofeesar Dagafaa Tolaasaa ibsaniiru.

Hariiroo naannoolee cimsuuf hojii ministeerichi hojjetu qorannoon deeggaruun furmaata waaraa fiduuf qorannoo kaayyooffameedha jedhan.

Odeeffannoowwan funaanuun hariiroon naannoolee ollaa gidduu jiru maal akka fakkaatu adda baasuuf yaaddamee qorannoo gaggeeffame ta’uu Ministeerichatti daayreektarri daayreektooreetii Federaaliiziimii fi hariiroo mootummaa obbo Tsaggaabirihaan Taaddasaa himaniiru.

Qorannichi hariiroon ummataa fi uummaataa, damee nageenyaa, faayinaansii, barnootaa fi fayyaa naannoolee gidduu jiru maal akka fakkaatu irratti kan gaggeeffameedha jedhan obbo Tsaggaabirihaan.

Haariiroon mootummoota naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Beeniishaanguul Guumz fi Afaar gidduu jiru maal akka faakkatu irratti xiyyeeffachuun qorannoon gaggeeffamaa ture mariif dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gabaasni qoranichaa mariif dhiyaachuun yaadni galtee erga irratti kennamee booda fayyadamtootaf kan ifoomu ta’uu dubbataniiru.

Marii kana irratti ogeeyyiin damee dhimmoota federaaliizimii fi horsiisee bulaa fi hoggantoonni hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Nagaanyaarraa argame ni agarsiisaa.

 

Comments (0)
Add Comment