Qorannoon fooyyessii beenyaa gaggeefamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Qorannoon fooyyessii beenyaa qonnaan bultoota maqaa misoomaan lafa isaaniirraa kaafamanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi itti fayyadamaa lafaa naanichaarratti qaamolee qooda fudhattootaa fi qonnaan bultoota waliin Magaalaa Bishooftuutti mari’ateera.

Biiroon Lafaa Oromiyaatti Daayrektarri qophii karooraa Ittifayyadama Lafaa Obbo Daawwit Abdiisaa, yeroo lafatti qonnaan bulaarraa fudhatamaa ture, lafti bakka bu’insaan kennamaa akka hinturre ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni waggoota hedduuf maqaa misoomaan lafarraa buqa’aa turanis beenyaan ga’aan kaffalamaa akka hinturre eeruun, kana fooyyessuuf akka Naannoo Oromiyaatti qoraannoon gaggeefama jiraachuu dubbataniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment