Qorannoo fi Dizzaayiniin Pirojektoota 601 xumuramuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Bara baajataa 2015 Qorannoo fi Dizzaayiniin Pirojektoota 601 xumuramuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksiise.

Pirojektoonni kunneen lafa heektaara kuma 301 fi 664 misoomsuu danda’u jedhameera.

Naannolee 8 keessatti lafa hektaara kuma 230 fi 964 misoomsuu kan danda’an Qorannoo fi Dizzaayiniin Pirojektoota 594 xumuramuu ibseera.

Lafa heektaara kuma 70 fi 700 misoomsuu kan danda’an Qorannoo fi Dizzaayiniin pirojektoota Mootummaa Federaalaan gaggeeffamaa jiran 29 keessaa 7 xumuramuun qophii ta’uu eerameera.

Dabalataan baajata mootummaa Federaalaan lafa heektaara kuma 316 fi 928 misoomsuu kan danda’an qorannoo fi dizzaayinii Pirojektoota 16 gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment