Qorannoon Dizaayinii Pirojektii misooma jallisii Ada’aa-Bachoo xumuramuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC)- Baasii Birri biiliyoona 4’n kan ijaaramu pirojektii misooma jallisii Ada’aa-Bachoof qorannoon dizaayinii xumuramuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Pirojektichi Deeggarsa Mootummaa Kooriyaa Kibbaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, Oromiyaa Godinalee Shawaa Kibbaa Lixaa fi Shawaa Bahaa Aanaalee Ada’aa, Lumee, Liiban Cuqqaalaa, Iluu, Bachoo fi Sabbataa Hawaasitti kan ijaaramu ta’uun ibsameera.

Pirojektichi lafa hektaara kuma 5 kan uwwisu yoo ta’u, bishaan lafa jalaa karaa ammayyaa’aa ta’een, jallisii misoomsuun maatii kuma 20 fayyadamtoota akka taasisu eerameera.

Ijaarsi isaas hojiilee boolla bishaanii 42 qotuu dabalatee boollawwan duraan qotaman jabeessuu kan dabalatu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ijaarsa pirojektichaa eegalchiisuuf dorgommiin caalbaasii kontiraaktarootaa gaggeeffamaa jirachuu fi waggoota ja’a keessatti xumuruuf karoorfamuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment