Qorannoon dabalataa sarbama mirga namoomaa raawwataman jedhamerratti DhMG gaggessuuf karoorfate fudhatama hin qabu- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Qorannoon dabalataa sarbama mirga namoomaa raawwataman jedhamerratti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gaggessuuf karoorfate fudhatama kan hin qabne ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa  Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.

Ambaasaaddar Diinaan dhimmoota garaagararratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Mootummaan yaad-deebii gabaasa waloo Komishinii Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa fi Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa dhaabbatichaarratti eeraman hojiirra oolchuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Haa ta’u malee gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin adeemsi qorannoo dabalataa taasisuuf godhamu fudhatama kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.

Waliinga’iinsi deeggarsa namoomaa cimee itti fufuu, mariin biyyaalessaa adeemsarra jiraachuu fi tattaaffiin nageenya mirkaneessuuf taasifamu cimee itti fufuu dubbataniiru.

ABUT tattaaffiiwwan nageenyaaf deebii qajeelaa laachaa kan hin jirre ta’uu fi waraana biraaf qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Gocha isaa kanas hawaasni idil addunyaa akka balaaleffatu gaafataniiru.

Wandasan Araggahanyitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment