Qorannoon addaa dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa irratti taasiifamaa ture ifoome

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) –Qorannoon addaa Raapoortaraa jila Maaster Daaviid Kaayeeniin durfamu dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa Ityoophiyaa irratti torbee lamaaf taasiifamaa ture ifoomee jira.

Jilli kun Miidiyaalee fi yaada bilisaan ibsachuu waliin walqabatee naannoo mirgoota demookiraasii, seera abbaa alangaa walii gala fi dhimmoota biroo irratti qorannoo bal’aa taasiisa turuun bu’aa argannoo isaa guyyaa har’aa ifoomsee jira.

Haaluma kanaan jijjiirramni gama siyyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan argame jajjabeessaa fi gara fuulduratti ijaarsa sirna demookiraasiif bu’ura kaa’uu kan danda’u akka ta’e ifoomsee jira.

Seera haaraa biyyaattiin baastu irratti abbaan alangaa waliigala ogeeyyii seeraa, Gaazeexeessitoota fi qaama biroo hirmaachisuuun adeemsi godhamaa jiru aadaa demookiraasii goddisuuf kan deeggeru waan ta’eef cimsee itti fufuu akka qabu ibseera.

Karoorri Waliin gahiinsa tajaajila neetworkii Interneetii fi Moobaayilaa guddisuuf waggoottan shanan dhufan keessatti qabame walgahiinsa odeeffannoo fi guddina diinagdee kan ariifachiisu waan ta’eef murannoo mootummaa fi deeggarsa tola ooltootaa kan barbaachisu ta’uu gabaasichi ifoomee jira.

Mootummaan labsii farra shoroorkeessummaa dura ture jijjiiruuf yaaliin godhe jajjabeessaa ta’us labsii haaraa ba’e raggaasisuun hojiitti hiikuu dhabuun komii kaasaa akka jiru eeree jira.

Abbaan Alangaa Waliigalaa gabaasa wixinee irratti fooyya’iinsa yaadaa dhiyaate sirreeffama taasiisuun, yaada gabaasa addaan irratti laatame hojiitti hiikuun riifoormii mootummaan eegale babal’isuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsuu isaa ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministira Dhimma Alaa FDRI argame ni agarsiisa.

Comments (0)
Add Comment